MOOTUMMAA OROMOO WALLOO
KUTAA 2FFAA
➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖
Wiirtuun siyaasaa warra Qaalluun hundeeffame dhawaata keessa Qaallurraa gara lixaatti socho’uun Garfarratti qaccee Muhammadootaa warraa Heebanootti gurmeesse Hundeessaan mootummaa Muhammadootaa kunis nama Godaanaa Baabboo jedhamudha.
Oromoon Walloo weerara Imaam Ahmad Ibraahim al-Gaazii dura amantii Islaamaa kan fudhatan yoo ta’u, jaarraa 19ffaa dura qe’een mootota warra Heebanoos Islaamummaa dhiisuun amantii kiristaanaa akka fudhatan himama.
Sanyii Godaanaa Baabboo kan ture, namni maqaan isaa “Arboch” jedhamu ka’umsa mootummaa Oromoo Walloo warra Heebanoof hundee akka ta’anii fi sanyii Muhammadootaa akka mootummaatti kan hundeessaniidha jedhama.
Kanarraa ka’uun Walloon mootummaa Ifaat kan Islaamaa mootoonni Nuur Huseen, Daawuddiin hundeessanirraa dhufee warra Godaanaa Baabbootti kan cee’e ta’uu nama hubachiisa.
Mootummaan Warra Heebanootti hundeeffame kun hambaa mootoota Ifaatirraa ka’ee booda bara 1700 keessa achitti cimee kan ba’eedha jedhu. Mootummaan Walloo hanga bara 1916tti kan aangoorra ture yoo ta’u, dhumarratti Lij Iyyaasuu fi Abbaa isaa Nigus Mikaa’elirratti sadarkaa mootii biyyaatti ga’ee akka kufe himama.
Kanatti aansee immoo seenaa mootoota Walloo tokko tokkoon kan ilaallu taha.
Kutaa 3ffaan itti fufa