MOOTUMMAA OROMOO WALLOO
KUTAA 1FFAA
Oromoon Walloo mirga isaaf qabsaa'uu kan eegale jaarraa 13ffaa keessa akka ta’e ni Dubbatama.
Jalqaba mootonni Walloo kun akkuma Sulxaanoota Ifaat maqaan isaanii Haqqaddiin, Jamaaluddiin jedhamu Isaaniis moggasaa mootota isaanii Shamsaddiin, Daawuddiin jechuun akka mootumma Muhammadoochii eegalanii fi booda keessa garuu maqaa farda isaanii duubaan itti dabaluun Abbaa Jiruu, Abbaa Jaboo fi k.k.fn of moggaasuun Oromummaa isaanii ibsaa akka turan ni himama. Kana keessa mootichi cimaan inni duraa Muhammad Abbaa Jaboo akka turan seenaan lafa kaa’a. Haaluma kanaan jalqabbiin mootummaa Walloo yookan Muhammadoochii
Oromoo amantii Islaamaa hordofaniin akka hundeeffaman himama. Hundeeffama mootota Walloon walqabatee seenaan kan dubbatu jalqaba abbootii waraanaa Warra Qaalluu naannawa Garfaa jiraniin akka eegale himama. Wiirtuun siyaasaa warra Qaalluun hundeeffame kun dhawaata achii gara lixaatti socho’uun Garfarratti qaccee Muhammadoochii warraa Heebanootti gurmeesse.
Kutaa 2ffaan itti fufa
No comments:
Post a Comment